
Korporeeshiniin Misooma Zoonii Diinagdee Addaa Gadaa hojii ji’a 9 gamaaggame. Zoonichi, hojii bara 2017 raawwachuuf karoorfate bifa gaariin raawachaa jiraachuu kan ibsan D/G/ Karooraa fi Gamaaggamaa fi Hordofii Pirojeektotaa obbo Katamaa Ifaa, diriirsuun sara bishaanii %91 irra, Sabsteeshiniin %70 gahuu ibsaniiru. Gama birootiin, hojiin lafa qopheessuu fi inveesterootaaf dabarsuu, inveesteroota simachuu bifa gaariin gaggeessamaa jiraachuu ibsaniiru. Waltajjicha kan hogganaan Hojii Gaggeessaa Ol’aanaan zoonichaa obbo Mootummaa Tamasgeen, bakka konkolaataan dhaabbatu (car parking) hojii humna ofiitiin hojjechuun baasii qusachuuf taasifamu kan jajjabeessamuu qabu ta’uu ibsanii, miira tokkummaa, aadaa hojii fooyya’aa giddu galeessa godhachuun, kalaqa dabaluun xiyyeeffannoon hojjechuun ergama zoonichaaf kenname fiixaan baasuu akka qabnu hojjettoota zoonichaaf ibsa taasissuun, hojiilee harca’anii hafan kurmaana 4ffaa keessatti karoorfachuun raawwachuun barbaachisaa ta’uu ibsuun marichi goolabameera.