+251 2212-49-61, +251 22212-59-49 Adama City, Melka Adama Sub-City, Abba Gada Oromia, Ethiopia
The First
Economic Zone in Ethiopia

Zooniin Diinagdee Addaa Gadaa Karaa Asfaaltii Hojjachise Ciinaa Biqiltuu Dhaabe

Zooniin Diinagdee Addaa Gadaa biqiltoota gosa adda addaa kan kunuunsa naannoo fi miidhagina karaa asfaaltii magaalaaf oolan hooggantoota, hojjettota zoonichaa fi keessummota Godina Shawwaa Bahaa fi Aanaa Lumeerraa dhufan waliin ta’uun biqiltuu gaafa guyyaa 07/12/2016 dhaabeera. Dabalataanis zoonich hawaasa naannoo Ganda Xaddee Dildimaaf mana barumsaa bu’ura booruu ijaarsisee ture dawwateera; daawwanna kana irrattis Daarikteerri ol’aanaa Zoonii Diinagdee Addaa Gadaa Kab. obbo Mootummaa Tamasgeen akka jedhanitti ‘baasiin barnootaaf ba’u dhaloota boori ijaaruufi biyya ijaaruuf ba’a. Kanaaf garafuula duras kutaalee dabalataafi meshaalee baruufi barsiisuuf barbaachisaniif maqaa koofi maqaa manaajimantii ZDAG tiin isin duukaa jirra.’ Jedhaniiru.

Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Lumee kab. Obbo Alamaayyoo Masqalaas daawwannaa kana irratti haasaa godhaniin deeggarsa garaa garaa ZDAG nuuf taasise kanaaf guddaa galateeffanna. Dabalataanis misoomni kun misooma hunda keenyaa waan ta’eef karaa kamiinuu qaamni hawaasaa kamiyyu deeggarsa isin irraa barbaachisu Zooniin Diinagdee Addaa Gadaaf akka taasiftan maqaa koofi maqaa Aanaa Luumeetin isin gaaffadha jedhaniiru.

admin
About the author

Leave a Reply

Total Visitor

012238
Views Today : 1157
Total views : 19681
Who's Online : 12